Dhalli namaa gara fulduraatti maal fakkaachuu danda'a?

Mataafi laphee fakkii nama fakkaatu kompiitaraan hojjetame

Madda suuraa, 3quarks/Stocktrek Images via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhalli namaa ammallee jijjiirama tirannaarra jiraa? Gara fulduraatti gabaabbachaamoo dheerachaa deema laata? Mala ammayyaan qaccee dhala namaa jijjiiruun namni akka fedhiisaatti bifa garagaraa akka qabaatu gochuun ni danda'amaa laata?

Hanguma qaroomini dhala namaa guddachaa deemu dhiibbaawwan uumamaa akka dhukkubaa, beela fi haalawwan qilleensaa hammaatoo hir'achaa jiru.

Qorichawwan ammayyaa, eegumsi qulqullinaafi dhiyeessiin nyaataa amansiisaa ta'e dhalli namaa dhiibbaawwan dur qormaata turan kunneen akka dandamatu taasisaniiru.

Haa ta'u malee, UK'tti Yunivarsiitii Angliyaa Raskin keessatti antiropolojistiifi qorataa qaccee sanyii jijjiirama tirannaa kan ta'an Dr. Jaasan Hoodsan, yeroo ammaatti jijiiramni tirannaa "shakkii tokko malee" itti fufaa jira jedhu.

Sababnisaammoo ummattoota tokko tokko keessatti qacceewwan sanyii dhala namaa murta'an yeroo gara yerootti baay'achaa jiraachuu himu.

Haa ta'u malee, taateen kun wanta dhaloota heddu keessatti uumamu ta'uusaatiin "namni kamiyyuu bara jireenyasaa keessatti jijjiirama tirannaa kana argee qalbeeffachuu hindanda'u" jedhu.

Garaagarummaawwan amaloota qaama dhala namaa


Suuraawan dubartootaa bifa gara garaa qaban

Madda suuraa, Sabrina Bracher via Getty Images

Biriyaanaa Pobiner, US keesa God-hambaa Biyyaalessaa Seenaa Uumamaa Ismisooniyaanitti qorattuu uumamafi jijjiirama tirannaa dhala namaa yemmuu ta'an, sooratni jijjiirama tirannaa dhala namaa yero dhiyoo keessatti shoora guddaa bahachuu himu.

"Namoota yeroo ammaa addunyaarra jiran keessaa harki tokko sadaffaan ga'eessa ta'anii aannaan adeemsa bullaa'insa nyaataa keessa dabarsuu danda'u.

Waggoota kuma 5-10 dura garuu daa'immaniin ala namuu kana gochuu hindanda'u ture. Kuni jijjiirama tirannaa saffisaafi guddaa ta'edha" jedhu.

Dandeettiin kun dhalli namaa bineeldota aannanii madaqsuu erga eegalee booda kan dhufe akka ta'es himu.

Haaluma kanaan waqtiilee beelli uumamutti namoonni aannan faatiifi pirootiinii ofkeessaa qabu bulleessuu danda'an, beelicha dandamachuun qacceen sanyiisaaniis babal'achuu Pobiner himu.

Kana malees waggoota heddu dura dhalli namaa ardii Afrikaarraa gara kutaalee addunyaa garagaraatti yemmuu godaanutti sababa haalawwan qilleensaa garagaraatiin dandeettii dandamannaa garagaraa gabbifachuusaas himu.

Akka fakkeenyaatti dhalli namaa iddoowwan carallaan altiraavaayoleetii (UV) xiqqaan itti jirutti, qaamnisaa vitamin D akka omishuuf qaamnisaa yeroo keessa diimachaa yookiin addaachaa deemera.

Hanguma namoonni gara kutaalee addunyaa garagaraatti faca'anitti garaagarummaan qaamaas uumamaa deemuu himu.

'Harka dhala namaa keessatti'


Suura dubartii dhiyeeffamee kompiitaraan hojjetame

Madda suuraa, GMint via Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatiin jijjiirama tirannaan ala jijjiiramoonni dhalli namaa qaamasaarratti taasisu garuummoo dhalootaa dhalootatti kan hindarbine jiraachuu hayyoonni himu.

"Fakkeenyaaf mana jiimii deemtee, ispoortii hojjettee irree guddaa yoo godhatte, qaccee sanyii irree guddaa gara ijoollee keetti ni dabarsita jechuu miti" jedhu Pobiner.

Haaluma kanaan jijjiirama tirannaan ala dhalli namaa yeroo gabaabaa keessatti qaamasaarratti jijjiiramoota garagaraa gochuu danda'eera.

Haaluma kanaan ragaan 'International Society of Aesthetic Plastic Surgery' (ISAPS) akka agarsiisutti bara 2024 keessa akka ddunyaatti adeemsawwan bifa kutaalee qaamaa jijjiiruu miliyoona 38'titti dhiyaatan adeemsifamaniiru. Kunis kan bara 2020 dhibbeentaa 40'n caala.

Dandeettiin bifa qaama keenyaa jijjiiruu kun "bifa qacceen sanyiikee sif kenne fakkaachuun dirqama akka hintaane taasiseera" jedhu Denimaark, Yunivarsiitii Aarhusitti tumsaa piroofeesaraa baayo-informaatiksii kan turan Toomaas Maayiland.

Gara fulduraattimmoo dhalli namaa baqaqsanii yaaluun bifasaa isa gubbaa jijjiiruu qofa osoo hintaanee qaccee sanyiisaa jijjiiruun haala qaamaasaa jijjiiruu danda'a. Kanaafis saayintistoonni mala Crispr jedhamu fayyadamaa jiru.

Tekinoloojiin adeemsa keessa fooyya'aa jiru kun yeroo ammaatti rakkoolee qaccee sanyii tokko tokko yaaluuf faayidaarra oolaa jira.

Tekinoloojiin kun guddatee yoo babal'ate, qaccee sanyii namaa akka jijjiirama tirannaa adeemsaan dhaloota baay'ee keessa osoo hintaanee al tokkotti jijjiiruun ni danda'ama ta'a.

Jijjiirama kana seeliiwwan isparmiifi hanqaaquu dhala namaarratti hojjechuun yoo danda'amemmoo jijjiiramoonni kun dhalootaa dhalootatti akka darban gochuun ni danda'ama.


Giloobii addunyaa bifa siddisaa

Madda suuraa, imaginima via Getty Images

Haata'u malee, dhalli namaa waan kana gochuu danda'uuf adeemsa baay'eetu isa hafa. Kana malees hojiirra oolmaan tekinoloojii kanaa gaafii naamusaa kan fidu akkasumas yaaddoo daa'imman dizaayiniin tolfaman akka dhalatan taasisuufi qaama miidhamummaan akka loogamu gochuu uumera.

"Kuni wanta namootarratti hojiirra oolu akka hintaane waan akka addunyaatti irratti waliigalamedha, gochaa guutummaatti naamusaan ala ta'edha" jedhu Hoodsan.

Haa ta'u malee yaadni kun gara fulduraatti jijjiiramuu akka danda'us kaasu.


Fakkii dubartii kompiitaraan hojjetame

Madda suuraa, Andriy Onufriyenko/Jackyenjoyphotography via Getty Images

Sanyii haaraa?

Naannoon keenya gara fulduraatti maal akka fakkaatu osoo hinbeekiniyyuu dhalli namaa gara fulduraatti maal fakkaachuu akka danda'u tilmaamuun akka danda'amu Maayiland himu.

Waggoota heddu booda gara fulduraatti dhalli namaa sanyii yookiin dhala haaraa ta'uu danda'a.

Waggaa miliyoona tokko dura sanyiiwwan dhala namaa kan akka Hoomoo Irreektasfaatu pilaaneetii keenyarra jiraachaa ture. Dhalli namaa yeroo ammaa addunyaarra jiru Hoomoo Saappiyeens waggoota 300,000 asidha dachii kanarratti mul'achuu kan eegale.

"Akkuma Hoomoo Irreektas nuyiin adda ta'e waggoota miliyoona tokko booda dhaloonni keenyas nurraa adda ta'u" jedhu Maayiland.